Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ummanni Oromoo biyyaafi aangoo humnaan sarbamne, falmee deebifachuuf tokkummaa isaa jabeeffachuu qaba!

 

(Madda Oduu ABO, Naayiroobii,Amajjii 1,2009)  Ummanni Oromoo biyyaafi aangoo abbaa biyyummaa humna qawween sarbame, falmatee deebifchuuf tokkummaa isaa daran jabeeffatee socho’uu akka qabu Galmi Tokkummaa Oromoo hubachiise.
 
Galmi Tokkummaa Oromoo ayyaana WBO fi bara haaraa, 2009 sababeeffachuun dhaamsa dabarseen, ummati Oromoo diina  qe’ee isaa keessatti isa ajeesee itti roorrisaa jiru of irraa kaasuuf xinnaa-guddaan walta’ee qabsaa’uufi hojjachuu akka qabu illee yaadachiisee jira.
 
Tokkummaan ummata Oromoo laaffachuun bara garbummaa Oromoo dheeressuu kana yaadachiise, dhaamsi Galma Tokkummmaa Oromoo kun, ummati Oromoos shira tokkummaa isaa laaffisuuf karaa garaa garaa xaxamu mara dura dhaabbachuuf kutannoon akka warraaqee falmaa bilisummaa isaa finiinsu waamicha godhee jira.

Guutummaan dhaamsa Galma Tokkummaa Oromoo akka armaan gadiiti.

 

Dhaamsa Galma Tokkummaa Oromoo (GTO)

Sabni Oromoo aadaa boonsaa ta’e qaba. Jiruufi jireenya hawaasummaa Ummata Oromoo keessatti ilaafi ilaameen wal-dhaggeeffatanii murtii tokkorra waliin gahuufi murtii waloon murteessan raawwachuu ykn raawwachiisun ak kuma dhimmasaatti angafaafi qixisuun wal-jala deemuufi walii abboomuun aadaa ummanni Oromoo itti boonu keessaa tokko. Baqattoonni Oromoo sirnoota gita bittoota Habashaa jalaa lubbuu ofii baraaruuf jecha maatii isaanii jaalatan facaasanii, qabeenya otoo dhiitamanuu horaniifi biyya isaanii Oromiyaa otoo jaalatanuu gatanii jireenya baqattummaaf saaxilamanii dararamaa kan jiran ta’ullee qabeenya qaban keessaa kan fudhatanii baqatan niqabu. Kunis aadaafi duudha Oromoo itti dhalatanii guddatan, ilaalcha, beekumsaafi dandeettii akka dhuunfaatti qabaniidha.

Haaluma kanaan hawaasni Oromoo baqattummaan biyya keeniyaa jiraannu, akka walitti siqeenyaafi waliin jireenya keenyaatti dhibdeelee jireenya baqattummaa keessatti akka dhuunfaattis ta’ee waloon nu mudachaa turan akka aadaafi duudhaa Oromootti Ilaafi Ilaameen hiikkachaa, dhimmoota manguddummaa barbaadan manguddoonni Oromoo dhimma sanatti hiqeenya qaban akka hiikan gochaa otoo jirruu yommuu dhibdeen baqattootaafi hawaasa Oromoo biyya kana jiraannu mara ilaalu uumamu manguddoonni Oromoo walitti dhufuun Galma Tokkummaa Oromoo bu’ureessan.

Akeekni GTO, Tokkummaa Ummata Oromoo tiksuudha. Galiinsaas Ummanni Oromoo akka sabaatti qabsoo bilisummaa gaggeessaa jiraachuu bu’ura godhachuun adda addummaa xixinnoo waliin jireenyaafi adeemsa QBO keessatti uumamaniifi umamuu malan dhaadhessaa babal’isuurra walii obsuun, dhimmoota ciccimoofi hedduu ta’an kan waloon qabnu, kan jireenya hawaasummaafi QBOf bu’a qabeessa ta’aniifi Oromummaa ijaaran irratti xiyyeeffachuun hawaasa tokkummaan Itite tokko uumuun  QBOf human ta’ee sirna gita bittoota Habashaa hundeen buqqisuun Ummanni Oromoo bilisumaan Oromiyaa walaboome Ijaaruudha.

 
 Bu’urri akeeka GTO, tokkoffaa, Ummanni Oromoo akka sabaatti qabsoo bilisummaatti jiraachuu; Bilisummaa ummata Oromoofi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf tokkummaan saba Oromoo murteessaa ta’uu; Akka sabaatti ummanni Oromoo tokkumaa itite dhabuun sababaalee ummata Oromoo gabrummaaf jilbeeffachiisan keessaa isa angafa ta’uu; Oromoon akka sabaatti tokkummaa ititaa akka hinqabaanne shira dii nni ummata Oromoo xaxaa tureefi jiru furuun barbaachisaa ta’uufi Sadarkaan isaa guddaa ta’uu baatus calaqqiinsi gosummaa, naannummaafi gartummaa mooraa QBO keessa jiraachuudha. GTO, Akeekasaa bu’ura godhachuun kabaja ayyaanota ummata Oromoo biratti bakka olaanaa qaban sadan (gaggeessaa bara moofaa, 2008fi simannaa bara haaraa 2009, guyyaa yaadannoo WBOn itti ijaarameefi kabaja ayyaana Birboo) waloon kabajnu sababeeffachuun dhaamsi dabarfatu;
 
Ummata Oromoo Maraaf: Yaa Ummata Oromoo, Yoo seenaa kee duubatti garagaltee mil’atta ta’e kallattii adeemsa kee har’aa kan sii akeekan seenaa bifa lamaa dubbifta. Bara tokkummaan socho’aa turte (akka Jaarraa 16ffaa fa’aa) saba kabajamaafi sodaatamaa, Of-bira dabartee warren miidhamaniif gaachana ta’uun gaanfa Afrikaa keessatti sabatiinsa nageenyaa buusuu dandeessee turuu kee hubatta. Gara biraatiin yeroo tokkummaan kee laaffate, (akka walakkeessa jaarraa 19ffaa irraa eegalee) sirni gita bittoota Habashaa qobaa qobaa dabaree eggattee rukutamuun gabrummaa jalatti kufte. Qee keefi biyya abbaa kee irratti hormi sirratti abboomuun si ajjeessaa, hidhaa, reebaa, biyyaa har’aa, dubartoota Oromoo humnaa n gudeedaa, dhibee dawaa hinqabne HIVn faalee ajjeessaa, gocha sanyii duguuggaa sirratti raawwachaa ture, ammas ittuma jira.
 
Kanaafuu QBO gaggeessaa jirtu galmaan gahuuf, hunda dura, Bokkuu humnaan sirraa fudhatame humni guddaan ittiin deebifachuu dandeessu Tokkummaa kee ta’uu hubadhuu wiirtuu Oromummaa jalatti Tokkummaa kee tikfadhu. Qabsoo gaggeessaa jirtu keessatti firaafi diina QBO addaan baafachuunis dirqama keeti. Wal-jala yaa’uufi Waan dureen kee jedhu dhaggeeffachuus hindagatiin; Dureen kees si haa dhagahu. Mufii xixinnoo obsaan bira darbuu dadhabuun mooraa QBO keessatti fottoqiinsi yeroo adda addaa umame tokkummaa kee wiirtuu Oromummaa jalatti ijaaraa jirtutti gufuu ta’uunsaa dhugaa dirre jiruudha. Tarkaanfiin diigumsaa kun akka hinaademfamneefi boruufis baruumsa akka ta’utti barsioisuuf; Heeraafi seera waloon tumattan kabajjanii kabachiisuun, akkasumas nama jaalattu jala otoo hintaane kaayyoo jala deemuun murteessaa ta’uu hubadhu.
 
Hayyoota Oromoof: Sabni Oromoo qabsoo bilisummaa itti jiru karaa gabaabaafi wareegama hirdhisuun danda’amu hundatti dhimma bahee galma QBO gahuuf fedhiifi hawwii guddaa qaba. Ittis wareegamaa jira. Fedhiifi hawwiisaa kana dhugoomsuuf hayyuu seenaa darbe qoratee, haala qabatamaan jiru waliin madaalee kallattii QnBO itti socho’uu qabufi hidhannoo isa barbaachisu akeekuuf barbaada. Hayyoonni Oromoo qaroofi gootowwan turaniin daandii QBO irra deemuufi kallattiin itti deemuu qabu Oromommaa ta’uu akeekuun ofii wareegamanii QBOf bu’ura kaahanii darbaniiru. Hayyoonni Oromoo har’aa immoo gufuulee daandii QBO irratti qabsaa’ota Oromoo eegan dhabamsiisuu irratti ummanni Oromoo gahee guddaa isin irraa eega. Kanaafuu; Tokkummaan hayyoota saba tokkoo Tokkummaa sabichaa ta’uu hubataanii Tokkummaa ummata Oromootti akka agarsiiftan isinii dhaamna. Haqaafi akeeka QBO, Tokkummaan hawaasa Idila addunyaatti akka ibsitanillee imaanaa isinitti dabarfanna. Hayyuu jechuunm hayyuu sabasaa ijaaru, tokkoomsufi sabasaatiin deemu jechuudha. Hayyuun Oromoon barbaadus hayyuu Oromoo ijaaru, tokkoomsufi ittiin deemuu danda’uudha. Kanaafuu hayyoonni Oromoon barbaadu ta’aa.
 
Jaarmiyaa Siyaasaa Oromoo Maraaf: Kallacha QBO, kan ta’e ABO, dabalatee jaarmiyoonni siyaasaa Oromoo bilisa taataniifis dhaamsa qabna. Addaa addummaa xixinnoo jidduu keessan jiru murtii ummata Oromoof keessanii, dhimmoota gurguddoo waloon qabdan kan akka Oromummaa ijaaruufi QBOti humna horuu irratti akka waliin hojjattan isinii dhaamna. Wal-irratti qabsaa’uufi olola walirratti oofuun Oromoo diiguuf malee ijaaruuf akka hinfayyadne hubattanii kallattii qabsoo keessanii gara diina Ummata Oromoo isa Innikaa ta’e Wayyaanee dhabamsiisuu irratti waloon akka duulataniifi wal-diiguurra diina Ummata Oromoo diiguurratti akka hojjattan dhaammanna.
 
Hoggantoota QBOf: Hoggantoonni QBO sammuu QBO ta’uu keessan hubachuun waan ummanni Oromoo siniin jedhu dhaggeeffadhaa! Heeraafi seera jaarmiyaa keessanii, Aadaafi Duudhaa Oromoo kabajuufi kabachiisuun akka hojjattan illee isin iif dhaamna.

Hawaasa Oromoo Biyya Ambaa Jirtaniif: Ilmi namaa nyaatee dhugee rafuu qofaaf hinumamne. Waan keessa darbeefi waan keessa jiru xiinxalee egere maalan ta’aa yaaduufi ani eenyu jedhee of-gaafachuu qaba. Hawaasni Oromoo haala adda addaan biyyoota adda addaatti bahanii erga jiraachuu eegalanii bubbulaniiru. Bubbultii kana keessa hawaasa addunyaaf waan gumaachaniifi Irraa fudhatan hedduun akkuma jiru lammiin Isaanii Oromoofi biyyi abbaa isaanii Oromiyaan, akkuma “Cululleen hagam samiirra barriftullee duuti ishii lafa” jedhamu isin eeguun isaanii Ifaadha.

Barattoota, dargagootaafi shamarran Oromoof:QBO gaggeefamaa jiru keessatti dhaloota mul’ata qabuufi mul’ata ofii dhugoomsuuf dhaloota ofitti amanu ta’aa jenna. 

Galma Tokkummaa Oromoo Ilaalchisee: Bara dabarsine kana qilleensi mooraa QBO keessa seenee ture humna ittiin sochoosu dhabullee GTOs haggaammataniiru. Haata’u malee bu’urri GTO, Oromummaa ta’uufi manguddoonni20GTO ijaaranis dhimma Oromummaa ijaaruufi QBO irratti muuxannofi hubannoo gahaa waan qabaniif sirnadhablootaan sirna hindhabne. Ta’us akeeka GTO dhugoomsuuf hirmaannan sabboontota Oromoo murteessaadha. Kanaafuu sabboontonni Oromoo dhuunfaanis ta’ee gamtaan (Jarmiyalee hawaasummaa Oromoo, waldaalee ogummaa Oromoo, gurmuleen dargaggootaafi barattoota Oromoo hundi) akeeka GTOtti amantan qabeenyaafi dandeettii keessaniin akka humana GTO taatan dhaammachaa; Barri haaraan 2009, Ummata Oromoo maraaf Bara Gammachuu, Badhaadhinaa, Injifannoofi bara Bilisummaa akka ta’u hawwii qabnu ibsanna.

Tokkummaan Humna!!! 

Galma Tokkummaa Oromoo. (Amajjii1, 2009 Nayirobii, Keenyaa)

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net